Fana: At a Speed of Life!

Xomborri Ityoophiyaa, kan olompiika Tookiyoo magaalaa Maqaleetti qabsiifame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) –Xomborri Ityoophiyaa, kan olompiika Tookiyoo magaalaa Maqaleetti qabsiifame.

Xomborri garee olompiika Ityoophiyaa marsaa 4ffaa, olompiika Tookiyoo 2020 magaalaa Maqaleetti qabsiifameera.

Sirnicharratti itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel, walitti qabaan qophii olompiika Ityoophiyaa dorgommii Tookiyoo 2020 obbo Abbaa Duulaa Gammadaa dabalatee hoggansi olaanaa naannoo Tigraayii fi jiraattonni magaalaa Maqalee argamaniiru.

Naannoon Tigraay olompiika Tookiyoorratti atleetota 10 fi ispoortessaa biskileetii 1 dhiyeessuu Dooktar Dabratsiyoon ibsaniiru.

Obbo Abbaa Duulaanis naannichi ispoortessitoota ciccimoo horachuu ibsanii, fulduratti ispoortessitoota hundaan biyya bakka bu’uuf hojjechuun akka irra jiraatu eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.