Fana: At a Speed of Life!

Yaadni dureewwanii haala waqtaawaa Afrikaa ilaalcha keessa kan galche – obbo Nabiyaat

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Yaadni dureewwan Gamtaa Afrikaa, haala waqtaawaa Afrikaa ilaalcha keessa kan galche ture jedhan odu himaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Nabiyaat Geetaachaw.

Nageenyii fi tasgabbii waaraan aardichatti akka uumamu yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaarratti ka’ee ejjennoon qabameera jedhan ibsa har’a laataniin.

Aardii sagaleen meeshaa waraanaa itti hin dhaga’amne uumuun, misooma Afrikaatif haala mijataa uumuun akka barbaachisu mari’atameeran eeran.

Haaluma kanaan Afrikaa waldhabbii fi walwaraansa keessaa baasudhaaf rakkoolee jiran bu’uuraa hiikuurratti xiyyeeffatameera jedhan.

Filannoon biyyoolessaa Ityoophiyaan barana gaggeessitu nagayaan akka xumuramu hojiin hubannaa uumuu hojjetameeran kaasan.

Ityoophiyaan dhaabbilee gamtichaa lama; Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa fi Paanalii Namoota Beekamoo Afrikaatif filatamteetti jedhan.

Yaa’ichaan cinaatti dureewwan biyyoota Afrikaa, hoggansa dhaabbilee aardii fi idil addunuaa waliin dhimmoota waloorratti mari’atameera.

Ityoophiyaanonni Taanzaaniyaatti hidhaarra turan 128 har’a gara biyya isaanii kan galan ta’uu ibsan.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon Gurraandhala 9 amma 11,2012tti Ityoophiyaa kan daawwatan ta’uu ibsaniiru obbo Nabiyaat.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.