Fana: At a Speed of Life!

Yaahiyyaa Jaameeh gara biyyaa yoo deebi’an to’annoo jala ni oolfamu jedhame

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Gaambiyaa duraanii Yaahiyyaa Jaameeh gara biyyaa yoo deebi’an to’annoo jala oolfamuun kan himataman ta’uun ibsame.

Preezdaantiin Gaambiyaa duraanii Yaahiyyaa Jaameeh bulchiinsa garajabeessummaa isaaniif himatni kan irratti banamu ta’uu Ministeerri Haqaa Gaambiyaa beeksise.

Yaahiyyaa Jameeh bara Faranjootaa 2017 kaasee aangoo irraa erga kaafamanii booda Iikwaatooriyaal Giinii keessa baqattummaan turaniiru.

Amma garuu gara biyyaa deebi’uuf fedhii akka qaban ibsameera.

Kana irratti hundaa’uun dhiigni akka hin dhangalaanef deeggartoonni preezdaantichaa too’annoo jala ni oolu jedhameera.

Yaahiyyaa Jaameehis deebinaan himannaan kan isaan eeggatu ta’uun eerameera.

Waggoota 22 Gaambiyaa hogganaa kan turan preezdaantichi, namoota fannisuu fi mirga namoomaa sarbuun himatni irratti banameera.

Maddi:BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.