Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii DhMG 76ffaa cinaatti qaamolee haala Ityoophiyaarratti hubannoo waldhahaa qabaniif odeeffannoo sirrii akka qabaatan taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 76ffaa Niwuu Yoorkitti gaggeeffamaa jiru cinaatti qaamolee haala Ityoophiyaarratti hubannoo waldhahaa qaban odeeffannoo sirrii akka argatan taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himaniiru.

Yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii 76ffaa gaggeeffamaa jiru cinaatti Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin bakka buutoota mootummaafi dhaabbilee idil addunyaa waliin marii taasiisaa jiraachuu Ambaasaadar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Qaamoleen dhimma Ityoophiyaarratti yaada laatanii fi ejjennoo qabatan adda baasuun murtoo ragaarratti hundaa’e akka laataniif odeeffannii sirrii akka argatan taasiisuun danda’amuu dubbataniiru.

Obbo Dammaqaan haala Waaqtawaa Ityoophiyaa, adeemsa kenniinsa deeggarsa namoomaa, hariiroo waloo cimsuuf fedhii jiru, ilaalcha dogongoraa qaamoleen tokko tokko Ityoophiyaa ilaalchisee qaban sirreessuun kan danda’amu ta’uu ibsa taasiisuu Ambaasaaddar Diinaan eeraniiru.

Obbo Dammaqaan Daayreektera olaanaa Sagantaa nyaata Addunyaa, Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanitti komishinar olaanaa Godaantootaa,Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanitti Daayreektera olaanaa qindeessa Deeggarsa namoomaa, Ministiroota Dhimma Alaa Veenzeeweelaa, Emireetoota Araba Gamtoomanii, Gaaboon, Niijer, Ayerlaandii waliin dhimmoota adda addaarratti mari’achuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.