Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin ariifachiisaa Gamtaa Afriikaa har’a eegala

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) Gamtaan Afriikaa yaa’ii ariifachiisaa isaa har’arraa eegalee Ikkuwaatooriyaal Giinii Maalaabootti taa’a.

Walga’iin Caamsaa 17-20, gaggeeffamu kun dhimmoota namoomaa ardichaa, shororkeessummaa fi jijjiirama mootummaa seera qabeessa hin taanee Afriikaatti babal’achaa dhuferratti ni mari’atu jedhameera.

Akkasumaas, gufuuwwan deeggarsa namoomaa, walitti bu’iinsa boodaa nageeyaa waaraa fi misooma mirkaneessuurratti ni mari’atus jedhameera.

Dabalataan, dhiibbaa hawaas-dinagdee fi siyaasaa vaayirasiin koronaa dhaqqabsiise, balaawwan namtolchee fi uumamaa dandamachuuf furmaata waaraa ni kaa’a jedhamee eegama.

Yaa’ii dureewwanii kanarratti ministiroonni, dureewwan biyyoota garagaraa fi dippilomaatonni biroonis kan hirmaataan ta’uu ragaan Gamtaa Afriikaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.