Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Hoggantaa Afrikaa 35ffaan Finfinneetti gaggeeffamuun injifannoo olaanaa argameedha – Ministeera Alaa

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC) – Yaa’iin hoggantoota biyyoota miseensa Gamtaa Afriikaa magaalaa Finfinneetti akka gaggeefamuu murtaa’uun injifannoo guddaa gama dipploomaasiin argame ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Hojii dipplomaasii cimaa hojjetameen mariin hoggantoota biyyoota miseensa Gamtaa Afriikaa tibbana Finfinneetti akka gageefamuu murtaa’uun injifannoo guddaa gama Dippiloomaasiin argame ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaadar Diinaa Muftiiin ibsaniiru.
Walga’ichi mata duree ‘sirna nyaataa Ardii Afrikaa ijaaruu, Misooma Humna Namaa, Diinagdee fi Hawaasummaa saffisiiuu’ jedhurratti kan gaggeeffamu ta’uu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Olola sobaa biyyatti keessa nageenyi akka hinjirree fi kufaatii keessa akka jirtu adeemsifamaaa jiru kan kuffisuufi biyyattiin ammas nageenyaa waaraa fi dandeetti rakkoo ishee ofiin furachuu qabdu kan dhugomsu jedhan.
Waltajjii kana irratti hoggantoota biyyoota Miseensa Gamtaa Afriikaa dabalatee, hoggantoonni fi bakka buutoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa hedduun kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.
Marii kana haala addaa fi miidhaginaa qabuun gaggeessuuf koreen biyyaaleessaa hundaa’e hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Hawaasni diyaaspoora iddoowwaan waraanan miidhaman daawwachuun deeggarsa taasisaa jiraachuu eeruun, ammas lammiileen hedduun gara biyya galaa jiraachuu himaniiru.
Zufaan Kaasahuunii fi Qonjiit Zawdeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.