Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin hojiilee qo’annoo fi qorannoo 4ffaan magaalaa Roobeettii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebla 4, 2013 (FBC)- Yaa’iin hojiilee qo’annoo fi qorannoo 4ffaan mata duree ‘ Faayidaa duudhaaleen waliinii waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaaf qabu’ jedhuun Godina Baalee magaalaa Roobeettii gaggeeffamaa jira.
Yaa’ichi qopheessummaa Ministeera Aadaa fi Turizimii, Yuunivarsiitii Madda Walaabuu fi Biiroo Aadaa fi Turzimii Oromiyaatiini.
Ityoophiyaan qabeenya turizimii qabduun akka fayyadamtuuf hojiileen hojjetamuu qabu heddudha. Hojileen kunneen qo’annoo fi qorannoon deeggaramuu qabu.
Sagaticharratti argamuun haasaa kan taasisaan Preezdaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Dooktar Ahimad Kaliil yuunivarsiitiin Madda Walaabuu hojiilee baruu fi barsiisuu cinaatti waltajjiiwwan akka kanaa qopheessun rakkoolee damicharratti mul’ataniif furmaata kaa’uuf, hojiileen qorannoo fi qo’annoo akka kanaa jajjabeeffamuu akka qabu himaniiru.
Hojiileen damicharratti hojjetaman bu’aa qorannoo fi qo’annoon hojjetamanii jiru yoo tahe, imaammata biyyaa fi galtee imaammata damichaan, darbee hojiilee qorannoo fi qo’annoo fulaa duratti hojjetamaniif ka’umsa tahuu danda’a jedhaniiru.
Bakka buutuun ministeera aadaa fi turizimii aadde Maammitti Yiilmaa bakka hojiileen misooma turizimii hojjetamaan qo’annoon deeggaramu yoo tahe, jijjiiramni barbaadamu dhufuu dandaha akkasumas rakkoolee damicharratti mul’atan furuu danda’aa jedhaniiru.
Kanaaf, hojiileen qorannoo fi qo’annoo damicharratti dhaabbilee barnoota olaanoon hojjetaman akka hojiitti hiikkamaniif deeggarsa ni taasisaa jedhaniiru.
Yaa’ii guyyaa lamaaf turu kanarratti hooggantoonni hojii mootummaa olaanoo federaalaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa argamaniiru.
Hojiileen qo’annoo fi qorannoo 14 ta’ani ni dhiyaatu jedhameeti eegama.
Addis Taammiraatitu Gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.