Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin magaalota Afrikaa Keeniyaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Yaa’iin magaalota Afrikaa Keeniyaa magaalaa Kiisuumootti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Yaa’ichi rakkoolee sababa jijjiirama qilleensaan magaalota Afrikaa sadarkaa giddugaleessaarratti argaman mudatan hir’isuu fi guddina walitti fufiinsa qabu akka galmeessisaniif deeggaruurratti kaayyeffachuu himameera.

Yaa’ichi bulchiinsa magaalotaa fi invastimantiirratti kan mari’atu yoo ta’u, Ministiroonnii fi kantiibonni magaalaa biyyoota Afrikaa waltajjicharratti argamuun qabxiilee yaa’ichaan ka’anii fi roodmaappii waggoottan sadan dhufaniirratti mari’achuun waliigalteerra ni ga’uun eegama.

Yaa’icharratti jilli biyyoota Afrikaa garaagaraarraa walitti babba’an kumni 8 ol ni hirmaatuun eegama.

Yaa’ichi har’a irraa eegalee guyyoota 5’f kan gaggeeffamu ta’uu “The East African City Alliance gabaaseera”.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.