Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Mana Amataa Ortodoksii guyyoota 16’f gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Yaa’iin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa guyyoota 16’f gaggeeffamaa ture xumurameera.

Yaa’ichi xumuramuu ilaalchisee ibsa kan kennan Paatiriyaarkiin Mana Amantichaa Abuna Maatiyaas, yaa’ichi tokkummaa mana amantattii, ergamaa fi guddina hafuuraa akkasumas murteewwan garaagaraa dabarseera jedhan.

Ityoophiyaatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’u, phaaphasotaan kan hogganamu, dhaabbilee biyya keessaa fi alaan kan hogganamu, mootummaanis ta’e sadarakaa idil addunyaatti beekamtii kan qabu Koreen Nageenyaa Sinoodoosin akka hundaa’u himaniiru.

Kutaalee Lallabaa Naannoo Oromiyaatti argamanitti rakkoo yeroo mudatee ture akka furamu Phaaphaasota torba muuduun mootummaa federaalaa fi Naannoo Oromiyaa waliin mari’achuun rakkichi akka furamu sinoodoosiin murteessuu dubbataniiru.

Kutaalee lallabaa naannolee Oromiyaa fi Kibbaa irratti Ephiis Qophoosoota sagal akka muudamaniif koreen filachiistuu hundaa’uu ibsaniiru.

Hariiroo hafuuraa fi bulchiinsaa Kutaa Lallabaa Tigraay addaan citee ture akka itti fufu koreen duraan hundaa’e sochii isaa akka itti fufu murtaa’uu dubbataniiru.

Qiddisti Abaataatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.