Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Walabaa gorsitoota Diinagdee qorannoo gaggeesse ifoomse

Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin kan hundaa’e Yaa’iin Walabaa gorsitoota Diinagdee qorannoo gaggeesse ifoomseera.

Yaa’ichi dhimmoota diinagdeerratti mootummaa akka gorsuuf kan hundaa’e yoo ta’u, walgahii waloo miseensota Koree Maakroo Ikoonoomii Biyyaalessaa waliin taasiseen hojiilee hojjechaa ture irratti ibsa taasiseera.

Gaaffii yaadota furmaataa mootummaarraa dhiyaataniifi qorannoo ofiisaa gaggeessuun sadarkaa yaadota faayidaa qaban dhiyeessuu isa dandeessisurratti kan argamu ta’uu yaa’ichi beeksiseera.

Miseensonni Koree Maakroo Ikoonoomii Biyyaalessaa, qorannichi karoora damdamannaa waggoota sadii mootummaan qophaa’e cimsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ichi yaadota faayidaa qabeessa ta’an maddisiisuun gaheesaa akka bahatu yaadachiisuu ragaan Ministeera Pilaaniifi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Mootummaan yaa’icha maallaqaan akka deeggaru kan ibsamne yoo ta’u, seekreetariyaatiin yaa’ichatti waamumu akka hundaa’uuf murtaa’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.