Fana: At a Speed of Life!

Yaalawwan biyya alaatti laatamaa turan biyya keessatti eegaluuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC) – Yaalawwan biyya alaatti qofa laatamaa turan biyya keessatti eegaluuf hojjetamaa jiraachuu Koolleejjiin Fayyaa Barkumee Hospitaala Qidduus Phaawuloos beeksiise.
Yaala dhibee Kaansarii fi Onnee dabalatee kanneen biyya alaa qofatti kennamaa turan biyya keessatti eegaluuf hojiileen dandeessiisan raawwatamaa jiraachuu hospitaalichi ibseera.
Ityoophiyaatti waggaatti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 60 dhibeewan Kaansarii garaagaraan kan qabaman ta’uu eerameera.
Koolleejjii Fayyaa Barkumee Hospitaala Qidduus Phaawuloositti gidduu galli yaala dhibee Kaansarii, onnee fi yaalli Kalee buqqisanii jijjiiruu baajata mootummaa Birrii biiliyoona 2.2 oliin hojjetamaa jiraachuu Proovoostiin Koolleejjichaa Dooktar Wandimmaaganyi Gazzahaanyi ibsaniiru.
Giddugalichi kutaalee yaada deddeebi’anii yaaluu 40 ol, kutaalee baqaqsanii yaaluu 11 fi kutaalee yaala carallaa 5 qabaachuu ibsaniiru.
Giddugaloonni yaala dhibee Kaansaruu kun dabalataan Jimmaa, Harar, Hawaasaa, Goondarii fi Maqalee dabalatee magaalota biyyattii garaagaraa keessatti ijaarramaa jiraachuu keesaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.