Fana: At a Speed of Life!

Yaaliin talaallii vaayrasii koroonaa jalqabaa Afrikaa eegalame

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Yaaliin talaallii vaayrasii koroonaa jalqabaa Afrikaa eegalame.
 
Biyyoonni Afrikaa 5 humna yaalii talaallii olaanaa qabaachuun beekameera.
 
Talaallin vaayrasii koroonaa jalqabaa kun kaleessa eegalamuu CGTN gabaasera.
 
Talaallichi Ingiliizitti Yuunvarsiitii Ooksifoordin kan gabbate yoo ta’u, Afrikaa Kibbaa, Ingiliizii fi Braaziilitti yaalin irratti gaggeeffamuu eegaleera.
 
Joohaansibargii namoonni tola ooltummaadhan talaallii yaalii kanarratti hirmaatanis, jalqabatti sodaatanis miidhaa fi faayidaasaa baruu akka barbaadan ifoomsaniiru.
 
Kaameruun, Yuugaandaa, Afrikaa Kibbaaa fi Keeniyaan sadarkaa olaanadhaan talaallii kiliinikaalaa uummachuu ibsaniiru.
 
Afrikaa Kibbaatti dura taa’aan koree gorsaa ministirootaa dhimma vaayrasii koroonaa Saaliim Abdul Kaariim akka beeksisanitti biyyoonni Sahaaradhaa gadii humna yaalii kiliinikaalaa qabaachuu beeksisaniiru.
 
Daayreektarri Fayyaa Hawaasaa Ingiliiz Daani’eel Boosch dhimmicharratti hojjechuun jabaatee itti fufuu qaba jedhan.
 
Afrikaan ummata biiliyoona 1.3 qabdu, rakkoon talaallii vaayrasichaa akka ishee hin mudanne sodaatu jira.
 
Daayreektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoomis Afrikaadhaf talaallin murteessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Chaayinaanis biyyoota Afrikaa talaallidhaan fayyadamoo taasisuuf hojjechaa jiraachuu beeksisteetti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.