Fana: At a Speed of Life!

Yaanni Tiraamp hidha Haaromsaa Guddichaarratti laatan Ityoophiyaanoota tokko gochu qaba-Hayyoota

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Tibba kana haasaan preezdaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp hidha Haaromsaa Guddichaarratti taasisan yeroo itti Ityoophiyaanoota tokko taasisuu fi ijaarsaa hidhichaa xumuruuf tattaffii taasisuu qabaniidha jechuun hayyoonni dubbataniiru.

Hayyoonni FBC waliin turtii taasisaan taateewwan akka kana birmaduumma biyyaarratti dhufaan tokko ta’uun qolachuu qabna jedhaniiru.

Yuunvarsiitii Bahiir Daariitti barsiisaan saayinsii siyaasaa kan ta’aan Fireew Yirgaalaam fi Ambaasaaddarri Ityoophiyaa duraanii Ibiraahiim Idiriis, haasaan preezdaantichi taasisaan isaan irra kan eegamuu miti jedhaniiru.

Yuunvarsiitii Bahiir Daariitti barsiisaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Surafeel Getahuun, haasaan preezdaanticha hubaannaa fi beekumsarra fagoo ta’uu isaanii muul’dhisa jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.