Fana: At a Speed of Life!

Yakkaamtoota haleellaa raawwachuu keessatti hirmaatan hojiin ittigaafatamoo taasisuu cimee kan itti fufuu ta’uu eerame

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Biyyatti bakkoota garagaraatti haleellaa raawwataman keessatti yakkamtootaa hirmaatan hojiin ittigaafatamoo taasisuu cimee kan itti fufuu ta’uu Ministeerrii Haqaa beeksise.

Deetaan Ministiraa Ministeerichaa Fiqaaduu Tsaggaa yakkoota eenyummaa bu’uureffatanii raawwataman keessatti kanneen hirmaatan irratti tarkaanfii fudhachaa jiruu fi maanmaltummaa ittisuuf hojiilee hojjetaman ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin tibbana Oromiyaa Wallagaa Lixaa Aanaa Gimbiitti lammiilee nagaarratti haleellaa suukanneessa raawwtamee balaaleffateera.

Hojiin yakkamtoorratti tarkaanfii seeraa fudhachuu fi ittigaafatamoo taasisuu cimee kan itti fufu ta’uus himaniiru.

Amantaa fi eenyummaa da’eeffachuun naannawaa biyyattii garagaraatti haleellaawwan raawwataman keessatti namoota hirmaatan to’achuuf qaamolee nagenyaa federaalaa fi naannolee waliin qindoominaan qorannoon itti fufuu kaasaniiru.

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti lammileerratti yakka gubaatii keessatti qaamolee nageenyaa hirmaataniiru jedhamanii shakkamirrattis qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiilee malaanmaltummaa adda baasuu fi qoranno gaggeessuu himanii, qorannoo gaggeeffames bu’aa argamsiisuu kaasaniiru.

Magaala Finfinnee kutaa magaala Lammii Kuraatti namoota dhunfaa kaafamtoota misoomaa hintaane 29 irratti maallaqa mootummaa seeraan alaa birrii miiliyoona 65 qisaasessan irratti himannii banamuu kaasaniiru.

Nannawaa gargaraattii yakkamtootaa hojii badiisaa raawwatanirrattis hojiin qulqulleessuu gaggeeffamuun furmaannii kennamaa jiraachuu himaniiru.

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.