Fana: At a Speed of Life!

Yakki hannaa bu’uuraalee misoomaa elektrikaa baaburaarratti raawwatamu sadarkaa yaaddessaarra ga’uu ibsame

Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Yakki hannaa bu’uuraalee misoomaa elektrikaa baaburaarratti raawwatamu sadarkaa yaaddessaarra ga’uu Tajaajilli Baabura Salphaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Yakki hannaa bu’uuraalee misoomaa elektrikaa baaburaaf diriirfame irratti raawwatamu diinagdee biyyaa duubatti harkisuu dabalataan tajaajila geejjiba baaburaa magaalichaa danqaa jiraachuu tajaajilichatti Hojii Gaggeessaan Qindeessa Dhiyeessii Humna Elektrikaa Obbo Bultumaa Qixxaataa ibsaniiru.

Bara 2013 irraa egalee hanga ammaatti haadni elektrikaa meetira kuma 16 fi 402 hatamuu, kanarraan kan ka’e kisaaraan Birrii miiliyoona 26 fi kuma 94 ol dhaabbaticharra ga’uu kaasaniiru.

Yakki hanna bu’uuraalee misoomaa elektirikaa daandii baaburichaa bal’inaan kutaalee magaalaa Qiirqoos, Nifaas Silk Laaftoo, Ekkaa, Lidataa, Aqaaqii Qaallittii fi Lammii Kuraatti raawwatamaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbatichi yakka hannaa sadarkaa yaaddessaarra ga’e kana ittisuuf qaamolee nageenyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin qindoominaan hojjechaa jiraatus tarkaanfiin namoota yakkicha raawwatanirratti fudhatamu barsiisaa ta’uu dhabuun rakkicha sadarkaa yaaddessaarra geessisuu Obbo Bultumaan himaniiru.

Gocha badii kana ittisuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhimmichaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun to’annoo fi hordoffii barbaachisaa akka taasisuu fi qaamolee yakkicha raawwatan tarkaanfii keessa deebii hin qabne akka fudhatu taasisuuf kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.

Namni dhuunfaa bu’uuraalee misoomaa elektrikaa osoo hatuu argame kamiyyuu akkaataa seera yakka hannaa keeyyata 669 hidhaa cimaa waggaa 15 hin caalleen kan adabamu ta’uu Tajaajila Elektrikaa Magaalaa Finfinneetti Hojii Gaggeessaan Tajaajila Seeraa obbo Taarikuu Maa’irAguun ibsaniiru.

Hojiilee hordoffii baatiiwwan 11 darban hojjetamaniin yakkoota hannaa fi miidhaa bu’uuraalee misoomaa elektrikaa daandii baabura salphaa magaalichaarra ga’an 37 ol irratti himanni banamee qorannoo fi adeemsa murtoorra jiraachuu kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.