Fana: At a Speed of Life!

Yeroon galmee filattootaa guyyoota 7f dheerate

Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC) – Yeroon galmee filattootaa guyyoota 7f dheeraachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiise.
Buufataalee filannoo kuma 41 fi 798 irratti hojiin galmee filattootaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Hanga ammaatti filattoonni miiliyoonni 28 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 31 fi 935 kaardii filannoo fudhachuu boordichi ibseera.
Yeroon galmee filattootaa Eebila 29, 2013 akka xummuramu boordichi beeksiise ture.
Yaa ta’uutii sababoota garaagaraan lammiileen kaardii filannoo hanga ammaatti hin fudhanne akka fudhataniif magaalaa Finfinnee, Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Dirree Dawaa, Beenishaanguul Gumuuz, Naannoo Kibbaa, Gaambeellaa, Hararii fi Sidaamaatti yeroon galmee filattootaa hanga Caamsaa 6, 2013tti guyyoota 7f akka dheeratu murtaa’uu himeera.
Hojii raawwachiiftoonni fi qindeessitoonni boordichaa har’aa eegalee Sanbataa fi Dilbata dabalatee hanga Caamsaa 6, 2013tti hojiin galmee filattootaa akka gaggeeffamu ajaje dabarsuu ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.