Fana: At a Speed of Life!

Yeroon jijjiirraa noottii Birrii haaraa kuma dhibba 1 hanga miiliyoona 1.5 xumuramuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Yeroon jijjiirraa noottii Birrii haaraa kuma dhibba 1 hanga miiliyoona 1.5 xumuramuu Baankiin Biyyaalessaa beeksise.
 
Yeroon jijjiirraa noottii Birrii haaraa kuma dhibba 1 hanga miiliyoona 1 xumuramuu Ministeerri Maallaqaa fi Baankii Biyyaalessaa ibsa waloo har’an laatanii beeksisaniiru.
 
Hanga ammaatti noottiin Birrii haaraa biiliyoonni 96 baankotaaf rabsamuu bulchaan Baankiin Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasseen ibsaniiru.
 
Erga jijjiirraan Birrii haaraa eegalamee akkaawuntiiwwan haaraan kumni dhibbi 9 fi kumni 20 ol banamuun maallaqni baankotaan ala naanna’aa ture biiliyoonni 31 gara baankii galuu Dooktar Yinnaagar himaniiru.
 
Wayita jijjiirraa noottiin Birrii sobaa yeroo rabsamanii fi maashinoonni maallaqa maxxansan too’atamuu eeraniiru.
 
Har’aan booda naannoo baadiyyatti xiyyeeffachuun jijjiirraan hanga kuma dhibba 1 gadii kan gaggeeffamu ta’uu Dooktar Yinnaagar himaniiru.
 
Yeroon jijjiirra noottii Birrii haaraa baatii 1 bu’aa qabeessa kan ture ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen dubbataniiru.
 
Maallaqni seeraan ala naanna’a ture gara seera qabeessatti dhufuu isaan sosochii diinagdee biyyaaf shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
 
Baankiin Biyyaalessaa fi Ministeerri Maallaqaa hoggantoota Komaand Poostii federaalaa fi naannoolee waliin ta’uun kallattii gara fuulduraatti marii taasisaa jiraachuu ibsameera.
Tsaggayee Niguseetu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.