Fana: At a Speed of Life!

Yoo booji’amnes juuntaa ABUTtiin osoo hin taanee Ityoophiyaa fi Ityoophiyuummanidha-L/J Baacaa Dabalee

Finfinnee, Sadaasa 20, 2013 (FBC)-Raayyaan ittisa biyyaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeessaa turee xumuruun hawaasa gara qe’eesaatti deebiisu eegaluu Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen beeksiisan.

Ajajan adda Raayyaa Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen duula olaantummaa seeraa kabachiisurratti ibsa laataniiru.

Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalee ibsa isaaniitiin duula olaantummaa seeraa kabachiisuu boqonnaa 3ffaa xumuruun hawaasa rakkoo nageenyaatin qe’ee isaaniirraa buqqa’aan deebifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa bakka rakkoon nageenyaa itti muul’atu tasgabeessuun hawaasni gara jireenyaa idileesaatti akka deebi’aniif tattaaffii taasisaa jira jedhaniiru.

Gareen juuntaa magaaloota garagaaraatti haleellaa qaqqabsiisu danda’uu  ittisuuf raayyaan ittisaa of eeggannoo taasisaa jira jedhaniiru.

Kaleessa miseensoonni garee ABUT Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen boojineerra jechuun odeeffannoo tamsaasaa turuu isaanii kan ibsan L/J Baacaa Dabaleen  gareen badii ABUT dandeetti booji’uu akka hin qabannee ibsaniiru.

Yoo booji’amnees juuntaa ABUT tiin osoo hin taanee Ityoophiyaa fi Ityoophiyuummanidha jechuun ibsuun itti aanaa Etamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Letenaal jeneraal Ababaawu Taaddasee waliin ta’uun ibsa akka laataniis eeraniiru.

 Miseensoota garee juuntaa seeraatti dhiyeessuuf hojiiwwan hojjetama jiran cimanii akka itti fufaanis ibsaniiru.

Faasikaaw Taaddasaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.