Fana: At a Speed of Life!

yoo waliin dhaabbannee fi waldhaggeeffanne weerara vaayrasii koroonaa to’achuuf carraa ni qabna – MM FDRI Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 26, 2012 (FBC) – Muumeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad yoo waliin dhaabbannee fi waldhaggeeffanne weerara vaayrasii koroonaa to’achuuf carraa ni qabna jedhan.
Muumeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsa har’a laataniin dagannaan yeroo ammaa ummata bira jiru gatii olaanaa nu kaffalchiisuu danda’a jedhan.
 
Qajeelfamaa fi ergaa darbu hojiitti hiikurratti hanqinni bal’aan jiraachuu himaniiru.
 
Hanga humna keenyaa waliin mari’achuu fi walgaraaruun miidhaa ga’uu danda’u hir’isuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
 
Jijjiirrama amalaa fiduu fi of eeggannoo cimaa taasisuun murteessadha ta’uu ibsaniiru.
 
Haala ammaa keessa jirruun Ityoophiyaatti sososchi hunda daangeessuun miidhaan isaa kan caalu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad himaniiru.
 
Haalli diinagdee biyyattii guyyoota murasaaf balbala cufatanii ooluuf kan dandeessisuu miti jedhan.
 
Lammiileen biyyattii hedduun harkaa afaaniitti jiraatu waan ta’eef sochii hunda daangessuu caalaa of eegaannoo fi qajeelfama darbu fudhachuun socho’uutu furmaata ta’a jedhaniiru.
Vaayrasiin koroonaa biyyoota addunyaa diinagdee fi teeknooloojiin haalaan dagaagaan hunda laamsheessaa jiraachuu kan ibsan Muumeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, Ityoophiyaatti ammoo tatamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf sosochii hunda daangeessuun daraan rakkisaadha jedhan.
Waa’een dhibee kanaa biyya keenyaatti ajandaa erga ta’e kan bubbule ta’us weerara kana moo’achuuf carraan qabnu ammaa fi amma qofa jedhan Muummeen Ministiraa.
 
Yoo waliin dhaabbannee fi waldhaggeeffanne weerara dhibee kanaa moo’achuuf kaleessarra har’a carraa olaanaa qabna jedhaniiru.
 
Muumeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad beektoonni beekkumsa isaaniin, ogeeyyiin Aartii ogummaa aartiin biyyaa fi lammiilee isaanii balaa dhufurraa baraaruuf hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.