Fana: At a Speed of Life!

Yooshiihiid Suugaa muummee ministiira Jaappaan ta’uun muudaman

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Yooshiihiid Suugaa muummee Ministiraa Jaappaan ta’uun muudamaniiru.

Muummeen ministiraa haaraa Jaappaan Yooshiihiid Suugaa muummee ministiraa Jaappaan duraanii Shiinzoo Abbee bakka bu’uun kan muudaman.

Muummeen ministirichaa tibba kana dura ta’aa paartii isaanii ta’uun muudamuun isaanii ni yaadatama.

Kanarratti hunda’uun paarlaamichi har’a filannoo gaggeessen maanguddoo umrii waggaa 71 Suugaa muummee ministiraa gochuun muudeera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.