Fana: At a Speed of Life!

Yunvarsiitiin Finfinnee, Diillaa fi Goondar barnoota eegaluu ni danda’u jedhame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Yunvarsiitiiwwan Finfinnee, Diillaa fi Goondar adeemsa baruu fi barsiisuu eegaluuf ga’umsa ga’aa qabaachuu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo beeksise.
 
Yunvarsiitiwwan kunneen adeemsa baruu fi barsiisuu eegaluuf ga’umsa ga’aa qabaachuu gareen qorannoo miniseetichaa gara sana ergame mirkaneesseera.
 
Dhaabbileen kunneen ulaagaalee Ministeerri Fayyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kaa’e hojiitti hiikuun adeemsa baruu fi barsiisuu eegaluuf ga’umsa qabaachuu gareen qorannoo kun eereera.
 
Barattoonni fageenya fi qulqullinaa ofii eeguun barnoota akka hordofaniif qophii ga’aan taasiifamuu ibsameera.
 
Manneen nyaataa, manni dubbisa kitaabaa, kutaan yaalii, dareewwan barnootaa fi kutaawwan ciisichaa keessatti keemikaanni biifamuu eerameera.
 
Weeraricha ittisuuf dhiyeessiin bishaanii, haguuggiin fuulaa fi Saaniitaayizarri ga’aan qophaa’uu himameera.
 
Barattoota simachuuf tajaajiloonni bu’uraa guuttamuu fi rakkoon nageenyaa akka hin uumamne qophiin barbaachisu taasiifameera jedhame.
 
Yunvarsiitii Finfinneetti kutaaleen tursa addaaf tajaajilaa turan hundi keemikaalaan qulqullaa’uu himameera.
 
Hojjetoota baratootaf tajaajila laataniif hubannoo ga’aan laatamuus ibsameera.
 
Malaakuu Gadifitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.