Fana: At a Speed of Life!

Yuukireen haalleellaa raawwattuuf Ameerikaan beekamtii kenniteetti jechuun Raashiyaan qeeqxe

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015 (FBC)- Yuukireen, Raashiyaa Kireemiyaarratti haleellaa raawwatteef Ameerikaan callisaan ilaaluun beekamtii akka kennitetti lakkaa’ama jechuun Raashiyaan qeeqxe.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Anaatoolii Antoonoov yaadaa kannaniin, Yuukireen naannawaa sulula Kireemiyaatti haleellaan raawwatte kutaalee Raashiyaa hundaarratti akka raawwatteetti lakkaa’ama jedhan.

Yuukireen Kireemiyaa haleeluu hordofee Gorsaan Dhimma Tikaa Biyyaalessaa Ameerikaa Jeek Suliivaan dhimmicha mormuuf ta’uu RT’n gabaaseera.

Turtii CNN waliin taasisaniin, “Yuukireen Raashiyaa akka haleeltuuf eeyyamas ta’e dhorkaa hinkenninu; Ta’us, Yuukireen Ameerikaarraa eeyyama fudhattee Raashiyaa akka haleeltu hintaasifnu” jedhaniiru.

Anaatooliin gama isaaniin Yuukireen Ameerikaa fi meeshaalee waraanaa biyyootaa Lixaan tumsamuun Yukireeniin haleelteetti; kunis haalduree tokko malee eeyyama akka kennuutti lakkaa’ama jechuun ibsaniiru.

Biyyoonni Lixaa Yuukireeniif jeettiiwwan waraanaa F-16 akka dhiyeessan Ameerikaarraa beekamtii argachuun, Ameerikaan fedhii nageenyaa akka hinqabne kan akeekuudha jechuun hubachiisaniiru.

Muuxannoowwan kunneen hundi, Raashiyaan tarkaanfiin waraanaa Yuukireen irratti fudhachaa jirtu sirrii akka ta’ee ibsaniiru.

Gorsaan Dhimma Tika Biyyaalessaa Jeek Sulivaan Sanbata darbe yaa’ii biyyoota gareewwan torbaarratti biyyoonni tumsitootaa, jeettiiwwan waraanaa F-16 Ameerikaarraa bitan Yuukireeniif dhiyeessanillee, Waashingitan gufuu hintaatu jechuun beekamtii akka kenniteef ibsanii turuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.