Fana: At a Speed of Life!

Yuunaayitiid Kingidaam talaallii Covid-19 raggaasiste torban dhufu kennuu eegalufi

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) – Yuunaayitiid Kingidaam talaallii Covid-19 raggaasiste torban dhufu kennuu eegalufi.
Yuunaayitiid Kingidaam biyya addunyaa jalqabaan talaallii koroonaavaayirasii ‘Pfizer/BioNTech’ jedhamu namoonni hunduu akka itti fayyadaman eeyyamte taate.
Dhaabbanni to’annoo qorichaa Yuunaayitiid Kingidaam MHRA akka jedhetti, qorichichi vaayirasicha %95n namarraa ittisa. Torban dhufu eegalees ni gurgurama jedhameera.
Talaallii kana argannaanis keessumaa maanguddoofi kaan haalaan dafee qaama isaaniirraa ittisa jedhame.
Yuunaayitiid Kingidaam qorichicha doozii miiliyoona 40 kan ajajje yoo ta’u, kunis ummata miiliyoona 20 wal’aanuu dandeessisa.
Kanneen ajajaman keessaa miiliyoonni 10 dhihootti kan biyyattiif kennamu yoo ta’u, kanuma keessaa ammoo 800,000 torban dhufu Yuunaayitiid Kingidaam gaha jedhameera.
Talaallii kun talaallii jalqabaa dafee ummataaf dhihaatedha. Yeroo ji’a 10 qofa kan fudhate yoo ta’u silaa adeemsi akkanaa hanga waggaa 10 fudhachuu mala.
Ministirri Fayyaa Yuunaayitiid Kingidaam Maat Haankok yeroo dabareen isaanii gahu lammiileen biyyattii waamamanii dhaabbata fayyaa biyyattii NHS’dhaan talaalliin kennamaaf jedhan.
Hogganaan NHS Sar Saayiman Siteevans, damee fayyaa ”duula talaallii seenaa biyya keenyaatti bal’aa ta’e” jechuun eegaluuf qophaa’aa jiraachuu himan.
Yeroo ammaa hospitaalonni 50 qophaa’oodha. Buufataaleen talaalli fakkeenyaaf galmawwan walgahiitti qophaa’aa jiru.
Talaalliin reefu eegaluuf ta’us namoonni ofirraa fagaachuufi dirqamawwan biroo dhukkubicha ofirraa ittisuuf dandeessisu akka hordofan ekispartoonni dhaamaniru.
Talaalliiwwan vaayirasii koroonaa biroo abdatamaniifi dhihootti raggaasifamu jedhamanii eegaman jiru.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.