Fana: At a Speed of Life!

Yuunaaytiid Kiingidamitti waggaa tokkotti gaa’illi 100,000 ol tahu diigame

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) – Yuunaaytiid Kiingidamitti waggaa tokkotti gaa’illi 100,000 ol tahu diigame.

Waajjirri Sitaatiksii Biyyaalessaa Yuunaaytiid Kiingidamitti akka beeksisetti bara Faranjoota 2019 qofa Ingilaandiifi Weelsiitti abbaa warraa fi haati warraa 107,599 bultii isaanii diiganiiru.

Kunis, waggoota shan keessatti isa olaanaadha.

Lakkoofsi kuni kan bara Faranjoota 2018 wajjin wal bira yoo qabamu %18.4 dabaleera. Dabalataan, erga bara Faranjoota 2014 gaa’illi 111,169 diigame asitti isa olaanaadha.

Namoonni wal hiikan giddugaleessaan ganna 12.3f wajjin erga turanii booda. Sababni ijoon hiikaa gaa’ilaa ka’umsa akka ta’eetti himamu immoo amala wal simu dhabuudha.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.