Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa barsiisota lamaaf piroofersera guutuu kenne

Finfinnee, Adoolessa 25, 2012 (FBC) – Yuunivarsitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa barsiisota lamaaf piroofersera guutuu kenne.

 

Yuunivarsitichi gulantaalee garaagaraan digirii jalqabaa hanga pirooferserummaattis barsiisuun eebbisuuf eegaleera.

 

Guyyaa har’as,barsiisota yuunivarsitii saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa lama piroofeesera guutuun eebbiseera.

 

Piroofeesera guutuun yuunivarsiticha keessaa kanneen eebbifamanis,piroofeeser Asaffaa Abbaa Muunaa fi piroofeeser Amaan Dhaqqabooti.

 

Pireezidaantiin Yuunivarsitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Dooktar Lammii Guutaa,yuunivarsitiin keenya hojii cee’umsa teeknolojii fi tiraanisfoormeshinii cimsuuf hojjetaa jiruun hanga yoonaatti sadarkaa PHD’n namoota 30 eebbiseera,kanaan cinatti immoo yeroo jalqabaaf piroofesera guutuun barsiisota lama eebbiseera.

 

Fuuldurattis hojii baruu fi barsiisuu cimsuuf yuunivarsitiiwwan biyyoota garaagaraa waliinis jabinaan hojjetaa jiraa jedhan.

 

Eebba piroofeserummaa guutuu kana irratti Kan argaman,Daarektera olaanaa Ejensii Odeeffannoo fi Tika Nageenya Biyyaalessaa fi hoji geggeessaa olaanaa bordii Yuunivarsitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Dr.Shuumatee Gizaaw,yuunivarsitiin Kun hojiiwwan qorannoo biyyaf ooluu dandaa’an Kan dhaabbilee barnootaa garagaraa hojjetaniini cinatti addatti akka hojjetuuf deeggersa barbaachisaa ni taassifanaa jedhan.

 

Kanneen har’a eebbifamtan immoo dhaloota borii qaruu irratti jabaachuu qabduus dhaamaniiru jechuun Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.