Fana: At a Speed of Life!

Yuunivrsiitiwwan barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatan simachuu itti fufan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) – Yuunivrsiitiwwan garaagaraa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan simachuu itti fufaniiru.

Yuunivarsiitiin Salaalee Barattoota qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf Yuunivarsiitichatti ramadaman guyyaa lammaffaaf simachaa jira.

Yuunivarsiitii Madda Wallaabuus Barattoota Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan simachaa jira.

Akkasuma Yuunivarsiitii Ambootti Kaampaasiin Walisoo barattoota qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf Yuunivarsiitichatti ramadaman simachaa jira.

Saayinsii Hawaasaan barattoota 3,531fi Saayinsii Uumamaatiin Barattoota 1,369 Walumaa galatti Barattoota 4,900 Simachuun qormaata kennuuf qophiin hundi xumuramuu Yuunivarsiitii Ambootti Daayirektarri Olaanaa Kaampaasiin Walisoo Dooktar Mokonnin Barsiisaa ibsaniiru.

Yuunivarsiitiin Jiinkaa, Waachaamoo, Dabaarq, Injibaaraa fi Waraabees barattoota qormaata fudhatan kanneen simachaa jiraachuu ragaan Fuula Yuunivarsiitiwwan kanneeniirraa argame ni mul’isa.

Qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa Fulbaana 30, 2015 irraa eegalaa Yuunvarstiitiwwan biyyattiitti laatamu barattoonni kumni dhibbi 9 fi kumni 75 ni fudhatu jedhamee eegama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.