Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Bulee Horaa giddugala qorannoo COVID-19 hundeesse eebbisiise

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitii Bulee Horaa giddugala qorannoo vaayrasii koroonaa hundeesse har’a eebbisiiseera.

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Bulee Horaa Dooktar Caalaa Waataa, giddugalichi guyyaatti samuuda namoota 1000 qorachuu danda’aa jedhaniiru.

Yuunvarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinatti Sirna Gadaa, albuudaa fi qonnaa irratti hojii qorannoo hedduu hojjechuun beekama jedhaniiru.

Dooktar Caalaan gama fayyaatinis keessattuu jiraattoota godina Gujii Lixaa fi godinaalee ollaa akkasumas hawaasa yuunvarsiiticha tajaajiluuf kan oolu giddugala qorannoo ‘PCR’ kana hundeessera jedhan.

Giddugalli qorannoo PCR kun qorannoo COVID-19 dabalataatti qorannoo dhibeewwan namootaa fi beelladaa garagaraafillee kan fayyadudha jedhaniiru.

Yuunvarsiitiichi meeshaalee vaayrasii kooroonaa ittisuuf gargaaran kanneen akka saanitaayizara oomishaa jira.

Sirna eebbichaarratti  itti aanaan hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktaar Gushaa Balakkoo fi Abbootiin Gadaa argamaniiru.

Yuunvarsiitiin Bulee Horaa yeroo ammaa barattoota bara kana eebbifaman 2500 akkaataa pirootokooli ittisa vaayrasii Koronaan ajajuun simatee barsiisaa jira.

Bizuu’aleem Beenyaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.