Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitichi cuuciwwan Qurxummii kuma 80 ol horsiisuun qonnaan bultoota adda dureef raabse

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Hawaasaa cuuciwwan Qurxummii kuma 80 ol  horsiisuun qonnaan bultoota adda dureef raabsuu beeksise.

Yuunvaarsiitichi giddugala horsiisa Qurximmuu ammayyaa hundeessuun gara hojiitti galuu isaa ibseera.

Itti fayyadama qabeenya Qurxummiirratti hubannoo laachuuf qooda fudhattoota waliin magaalaa Hawaasaatti marii gaggeesseera.

Giddu galichi argannoo qoo’annoorratti hundaa’uun Qonnaan bultoonni boolla xiqqoo keessatti dhuunfaa isaaniin Qurxummii akka oomishaniif hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Hawaasaa Dooktar Ayyaanoo Baraasoon ibsaniiru.

Oomisha Qurxummii galtee nyaatarra darbee gabaaf dhiyeessuun fayyadamoo akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Qabiinsa Qurxummii, Kiyyeessaa fi horsiisa isaa itti fufiinsaan mirkaneessuuf hayyoota, ogeeyyii fi qonnaan bultoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf leenjiin  hubannoo uumuu kun qophaa’uu Dooktar Ayyaanoon himaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.