Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Amboo meeshaalee garagaraa Yuunvarsiitii Booranaaf gumaache

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiin Amboo deeggarsa meeshaalee barnootaa, kitaabilee adda addaa, meeshaalee mana nyaataa barattootaa fi komputeroota Yuunvarsiitii Booranaaf gumaacheera.

Yuunvarsiitiin Booranaa ijaarsasaa marsaa jalqabaa xumuruun marsaa itti aanuu jalqabeera.

Barataas simatee baruu fi barsiisuu jalqabuuf qophii yeroo xumuraa jiruutti Yuunvarsiitiin Amboo deeggarsa meeshaalee barnootaa, kitaabilee adda addaa, meeshaalee mana nyaata barattootaa fi kompiyuteroota.

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Booranaa Dooktar Bokkuu Xachee deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Amboo Dooktar Taaddasaa Qana’aas, meeshaalee deeggarsaa kana wayita qabanii dhufan; qa’ee angaftichaatti simannaa nuuf taasifameetti gammaneerra jedhan.

Akka OBN gabaasatti hawaasni Yuunvarsiitii Booranaa, Abbootii Gadaafi jaarsoliin biyyaas deeggarsa taasifameetti gammaduun Yuunvarsiitii Amboos galateeffatanii jiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.