Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Arsii Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoof Dooktareetii kabajaa laate

Finfinnee, Fulbaana 9, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Arsii guyyaa har’aa wayita barattoota eebbisiisu Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoof Dooktareetii kabajaa laateera.

Yuunvarsiitiin Arsii Ambaasaaddar Shifarraan oolmaa biyyaaf ooleef Dooktoreetii kabajaa kana laachuu ibsameera.

Yuunvarsiitiin Arsii digirii jalqabaa, Digirii 2ffaa fi digirii 3ffaan walii gala barattoota kuma 1 fi 924 ogummaa garaagaraan barsiisaa ture eebbisiiseera.

Eebbifamtoonni kunneen ogummaa Fayyaa, Qonnaa fi Saayinsii, Biiznasii, saayiinsii uumamaa, Seeraa fi muummee barnootaa biroon sagantaa idilee, gannaa fi torbaniin barnoota isaanii kan hordofan ta’uu ibsameera.

Eebbifamtoonni hojii osoo hin eeggatin ofii isaaniif carraa hojii ummachuuf kan tattaafan ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaa ibsaniiru.

Sirna eebbichaarraatti Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen, Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa bariisoo dabalatee hoggantoonni mootummaa sadarkaa garaagaraarratti argamani fi miseensonni Boordii Yuunvarsiitichaa argamaniiru jedhame.

Yuunvarsiitichi guyyaa kaleessaa Kaampaasii Boqojjiitti barattoota 831 eebbisiisuun kan yaadatamuudha.

Qiddist Zawdeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.