Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Arsii manneen barnoota aanaalee godina Arsii 8 irraa filataman  40f deeggarsa meeshaalee ittisa Covid 19 taasise

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Arsii manneen barnoota aanaalee godina Arsii 8 irraa filataman  40f deeggarsa meeshaalee ittisa Covid 19 taasiseera.

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaa saganticharratti argamuun haasawa taasisaniin, vaayrasiin koroonaa ammaas daran hammaachaa waan jiruuf barattoonni hubannoo argachuun ofeeggachuu irra darbanii maatii isaanii hubachiisuun vaayrasicharraa baraaruu qabu jedhan.

Yuunvarsiitichi rakkoolee hawaasaa furuuf hojii hojjetaa jiru cimsee akka itti fufuus himaniiru.

Dabalataanis yuunvarsiitichi qajeelcha poolisii Godina Arsii fi manneen murtii godinaa fi magaalaa Asallaatiif meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaa arjoomeera.

Sirnicharratti dura bu’ootaa fi barattoota manneen barnootaa kanneen irraa walitti babahanii fi qaamolee mootummaa sirnicharratti hirmaataniif  maloota ittisa dhibichaaf fayyadan irratti hubannoon kennameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa godinichaa obbo Ahimad Huseen  gama isaaniitiin deeggarsa yuunvarsitichi manneen  barnootaa godina isaaniitiif kenneef galateeffatanii hojii fakkeenyummaa guddaa qabu ta’uu ibsaniiru.

Abdallaa Amaantu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.