Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo obbo Leencoo Lataaf Doktoreetii kabajaa laate

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo gameessa qabsoo Oromoo obbo Leencoo Lataaf Doktoreetii kabajaa laateera.
Obbo Leencoon, “injifannoo arganne kunuunfachaa kan hafe ammoo mariin ilaa fi ilaameedhaan sirreeffachaa deemuu qabna’’ jedhan.
Injifannoon aarsaa guddaan argame salphifnee ilaaluu hin qabnu jedhan haasawa sirna eebbicharratti taasiisaniin.
Waan kaleessa keessa turre hubachuun injfannoo arganne kana tokkummaan kunuunfachuu qabna jedhan obbo Leencoon.
Kabajni warraa qabsoo keessatti wareegamee fi injifannoo kana nu gonfachiiseef mala” jechuunis dubbataniiru.
Obbo Leencoo Lataa hayyuu fi xiinxalaa siyaasaa, akkasumas barreessaa kitaabilee dhimma siyaasa gaanfa Afrikaati.
Obbo Leencoon Yuunvarsiticha galateeffachuu isaanii OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.