Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haraambee barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Adooleessa 24, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Haraambee baratootaa damee barnootaa Adda addaan barsiisaa turkuma 3 fi 683 eebbisiiseera.
Sirna eebbaa kanarratti abbootiin Gadaa, maatiin baratotaa fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.
Yuunvarsiitiin Harambee bara 1995 Kan hundeeffamee yoo ta’u Koolleejjii Haraambee jedhamuun haga ammaatti gosa barnootaa afaaniin baratoota kuma 20 ol eebiisisseera.
Yuunvarsiitichi erga gara Yuunvarsiitiitti guddatee yeroo jalqabaaf baratoota Muummee barnootaa garaagaraan, digirii jalqabaatiin kuma 1 fi 982, Digrii 2ffaan 145,Leenjii Ogummaa Teeknikaan kuma 1 fi 556 waliigala baratoota kuma 3 fi 683 sagantaa idilee fi idilee alaan barsiisaa ture eebbisiiseera.
Eebbifamtoota keessaa 1951 dubartoota yoo ta’an, 1732 dhiiroota ta’uu ibsameera.
Amartii Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.