Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramayaa lammiilee godina Harargee Bahaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiise

Finfinnee,Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Haramaayaa hawaasa godinaa Harargee Bahaa naannoo Gammoojjii jiraataniif deeggarsaa taasiseera.
Yuunivarsiitichi lammiilee kanneeniif deeggarsaa midhaan nyataa, nyaata Beelladaa fi qoricha Beelladoota taasiseera.
Yuunivarsitiin Haramayaa lammiilee Naannoo Somaalee dabalatee jiraattoota Godina Baalee fi Booranaafis deeggarsa walfakkaatu taasiisee turuu Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa Dooktar Jamaal Yuusuuf ibsaniiru.
Deeggarsi taasiifamu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aaddee Miskii Mahaammed deeggarsa tasifameef galateeffataniiru.
Deeggarsi Yuunvarsiitiin Haramaayaa guyyaa har’aa taasise Birrii miliyoona 2tti kan tilmaamamu ta’uu ibsameera.
Yaasin Shamsuddinitu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.