Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramaayaa gariin qonnaan bultoota 100f deeggarsa sanyii filatamaa fi meeshaa qonnaa taasise

Finfinnee, Caamsaa 22, 2012 (FBC) –Yuunvarsiitiin Haramayaa Godina Harargee Bahaa aanaa Qumbiitti kan argaman gariin qonnaan bultoota 100f deeggarsa sanyii filatamaa fi meeshaa qonnaa taasise.

Deeggarsichi aanichatti ganda Miinootiif wayita laatame bakka bu’aan Yuunvarsiitichaa Dooktar Abdulaaxiif Ahimad akka jedhanitti dhaabbatichi aanoota godinichaa garagaraatti oomisha qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa guddisuuf deeggarsa qorannoo, leenjii ijaarsa dandeettii fi galteewwanii taasisaa jira.

 

Wayita ammaa kanas aanaa Qumbiitti qonnaan bultoota 100f gariin lafa qonnaa bal’aa qabanirratti fayyadamtoota akka ta’aniif sanyii filatamaa fi meeshaa qonnaa hireerafi.

 

Sanyiiwwan filatamoon hiraman kunis hanqina roobaa fi dhibee kan dandamatan akkasumaas yeroo gabaabaa keessatti kan ga’an ta’uu ibsameera.

 

Deeggarsichi Birrii kuma 300 oli baasii itti ta’eera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.