Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramayyaa qonnaan bultoota kuma dhibba 7f sanyi fooyya’aa mixaaxxessaa rabsuu eegale

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Haramayyaa qonnaan bultoota kuma dhibba 7f sanyi fooyya’aa mixaaxxessaa rabsaa jiraachuu beeksise.
 
Qorattoonni yuunvarsiitichaa fi miseensonni garee qorannoo qonnaan bultootaa misooma mixaaxxessaa aanaa Baabbilee daawwataniiru.
 
Yuunvasiitiin Haramayyaa Muddee 2011 eegalee gosa mixaaxxessaa 11 irratti qabiyyee nyaataa fi akaakuu isaarratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu qindeessaan qorannoo proojaktii Yuunvarsiitichaa Dooktar Dandanaa Galmeessaa ibsaniiru.
 
Kanneen keessaa qorannoon gosa 3 xumuramuun qonnaan bultootaaf rabsamuu eegaluu dubbataniiru.
 
Mixaaxxessi kunneen Diillaa, Almuuraa fi Kabuudii jechamuun yoo moggafaman, qabiyyee gosa nyaataan kan badhaadhaniidha jedhame.
 
Qonnoon bultoota Harargee Bahaa fi Lixaa kuma dhibba 7f rabsamuu eegaluu isaa Dooktar Dandanaan ibsaniiru.
 
Akaakuun mixaaxxessaa kunneen baatii 3 keessatti kan qaqqaban yoo ta’an, wabii nyaataa mirkaneessuurratti ga’ee olaanaa qabachuu dubbataniiru.
 
Akkasumsa Vaaytaamina ‘A’, Ayiranii fi Ziikaani kan badhaadhan ta’uus eeraniiru.
 
Haadholiin yeroo ulfaa hir’ina dhiigaaaf akka hin saaxilamnee fi quucaruu daa’immannii ittisuuf ni gargaaru jedhameera.
 
Proojaktiin qorannoo kun deeggarsa mootummaa Ingiliziin kan gaggeeffamu yoo ta’u waggoottan sadan dhufaniif kan itti fufu ta’uu ibsameera.
 
Maddi: TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.