Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa buqqaatota Wallootti argamaniif deeggarsa garaagaraa Birrii Miiliyoona 2.45tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Jimmaa lammiilee shira garee badii ABUT’iin buqqa’anii Wallootti argamaniif deeggarsa garaagaraa Birrii Miiliyoona 2. 45tti tilmaamamu taasisuu ibsame.

Deeggarsichi meeshaalee nyaataa dabalatee meeshaalee tajaajila garaagaraatiif oolan ta’uu ibsameera.

Deeggarsi taasifame kun karaa Yuunvarsiitii Wallootiin namoota shira garee shororkeessaa ABUT’iin qe’eef qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif kan kennamu ta’uu waajjirri Preezdaantii Yuunvarsiitii Jimmaa ibseera.

Qormaata biyya keenya mudate dandamachuuf waliin dhaabachuu qabna jechuun gargaarsi taasifame kunis qaama kanaa ta’uu ibsameera.

Lammiif kan qaqqabu lammiidha jechuun Yuunvarsiitiin Jimmaa kanaan dura lammiilee naannoo  Amaaraa Dabaarqii fi Dabrataaboritti argamaniif deeggarsa Birrii Miiliyoona 3.1 taasisuu isaa waajjirichi beeksiseera.

Dabalataanis gama Yuunvarsiitii Samaraatiin kan kaffalame Birrii Miiliyoonni 2.4tti tilmaamamu deeggarsa taasisuu isaa fi kana amma dabalatee walitti fufiinsaan Yuunvarsiitichi deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 7.95tti dhiyaatu taasisuusaa Preezdaantiin Yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa ibsaniiru.

Ji’oota jahan darbanitti deeggarsa Raayyaa Ittisaatiif oolu, waliigalaan Birrii Miiliyoonni 32.02 deeggarsa taasisuu Preezdaantichi yaadachiisuu ragaan yuunvarsiiticharra argame ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.