Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa namoota rakkoo dhageetti qabaniif tajaajila wal’aansaa bilisaan laate

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiin Jimmaa namoota rakkoo dhageetti qabaniif tajaajila wal’aansaa bilisaan laateera.

Tajaajilli wal’aansa  kun namoota rakkoo dhageettii gurraa qabaniif mooraa guddicha Yuunvarsiitii Jimmaa galma Giddugala Siivikii Haacaaluu Hundeesssatti laatameera.

Wal’aansi kun meeshaa dhageetti gurraa dabalu (hearing aid device) deeggarsa dhaabbata garagaarsaa Ameerikaa Yunaaytid Mishin Foor Riliifi Divilooppimenti (UMR) jedhamu irraa argameen karaa walta’iinsa Institiyuutii Fayyaa Yuunvarsiitii Jimmaa fi dhaabbataa Ityoo-Galf Divilooppiment Asooseeshin jedhamuun taasifameera.

Talaajilli kun kaffaltii malee bilisaan kan laatamee yoo ta’u, daa’immaanii fi maanguddoo dabalatee namootaa rakkoo dhageettii qabaniif taasifameera.

Yuunvaarsitichatti  namoota dhibee ijaa qabaniif wal’aansii baqaqsaanii yaaluu taasifamuu ragaan Yuunvaarsiitii Jimmaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.