Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Riiftii Vaalii Kaampaasiiwwan garaagaraatti barattoota barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Adooleessa 24, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Riiftii Vaalii barattootaa ogummaa garaagaraan Kaampaasii Adaamaa fi Asallaatti barasiisaa ture kuma 3 fi 75 eebbisiise.
Yuunvarsiitichi Kaampaasii Adaamaatti barattoota gosa barnootaa lamaan barsiisaa ture 1,349 digirii jalqabaan eebbisiiseera.
Eebbifamtoota keessaa 786 dubartoota ta’uu ibsameera.
Akkasumas Yuunvarsiitii Koollejjiin Riiftii Vaalii Kaampaasii Asallaa barattoota Ogummaa garaagaraan gulantaa1-4ffaa fi Digirii jalqabaatiin barsiisaa ture eebbisiise.
Eebbifamtoota Kaampaasii Asallaa keessaa 912 Digirii jalqabaatiin kan eebbifaman ta’uu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.