Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Walloo baatiiwwan 3 booda gara hojii idilee baruu fi barsiisuutti deebi’uuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Walloo baatiiwwan 3 booda gara hojii idilee baruu fi barsiisuutti deebi’uuf ta’uu bulchiinsi Yuunvarsiitichaa beeksise.

Garee shororkeessaan ABUT haleellaa yuunvarsiiticharratti raawwateen qabeenya yuunvarsiitichaa Birii biiliyoona 11tti shallagamu barbadeessuu Preezdaantiin yuunvarsiitichaa Dooktar Mangashaa Ayyana ibsaniiru.

Manneen yaalii fayyaa, saayinsii uumamaa fi Injinariingii akkasumas giddugalli teeknooloojii ammayyaa qindoomina yuunvarsiitiiwwan alaa waliin ijaaraman irratti miidhaa qaqqabsiisuu eeraniiru.

Qabeenyawwan garaagaraa saamuu fi kan fudhatee adeemuu hin dandeenye barbadeessuu himaniiru.

Hojiileen deebisanii ijaaruu eegalamuu fi adeemsi baruu fi barsiisuu baatiiwwan  sadii booda kan eegalu ta’uu dubbataniiru.

Yuunvarsiitichi digirii jalqabaarraa kaasee hanga digirii 3ffaatti barattoota kuma 30 barsiisaa turuu eerameera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.