Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiiwwan barattoota isaanii gara magaalota jajjabootti akka gaggeessan kallattiin kaa’ame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiiwwan barattoota isaanii gara magaalota jajjabootti akka gaggeessan kallattiin kaa’ame.

Barattoonni yuunvarsiitii yeroo murtaa’aaf gara maatii isaaniitti akka deebi’an murteen darbuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan of eeggannoodhan barattoota gara maatiitti deebisuurratti mariin taasifameera.

Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo preezdaantota yuunvarsiitii hunda waliin koonfarasii viidiyoo gaggeessera.

Hojichas ministeerichi Abbaa Taayitaa Geejiba Federaalaa waliin kan raawwachiisu ta’a jedhameera.

Barattoota gara magaalota jajjabootti geessuun ala, barattoota harka qalleeyyii ta’aniif tumsi baasii geejibaa kan taasifamu ta’a.

Barattoonnii fi dhaabbileen barnoota olaanoo waamicha biyyoolessaatif qophii akka ta’an, yuunvarsiitonni barattoota ogummaa yaala qaban akka of qopheessan dhaamameera.

Barattoota humna hin qabnee fi dhaabbilee barnoota olaanotii ba’uu hin dandeenyef yuunvarsiitonni akka qabatama isaaniitti hojjettoota manneen bilcheessaa galchanii akka keessummeessan, konkolaattonni barattoonni ittiin imalan sirnaan akka qulqulleeffamanii fi of eeggannoo barbaachisaan akka taasifamu dhaamameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.