Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiwwan ergamaa fi xiyyeeffannaan gara kaayyoo isaanitti ariitiin kan galan ta’uun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiwwan ergamaa fi xiyyeeffannaan gara kaayyoo isaanitti ariitiin kan galan ta’uun ibsameera.

Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Hurkatoo,yuunvarsiitota gama xiyyeeffannan adda baasuun badhaadhina biyyaatti milkeessuuf kan gargaaruu ta’u himaniiru.

Dhaabbileen barnootaa itti gaafatamummaa itti kenname haalaan ba’uun fakkeenya ta’anii humna namaa dorgomaa diinagdeen Ityoophiyaa barbaaduu oomishuu akka qabanis himaniiru.

Ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo Dooktar Muluu Naggaa , kaayyoon yuunvarstoota adda baasuu yuunvarsiitota wal caalchisuuf osoo hin taane kallatti xiyyeeffannaa qaban irraa ka’uun bu’aa qabeessa akka ta’aniif ta’uu himaniiru.

Akkaata wixinee bu’aa qorannoo barnootaa fi leenjiitti yuunvsarsitiin 8 yuunvarsiitii qorannoo,15 Appilaayid Saayinsii (applied science), 2 saayinsii fi teeknooloojii akkasumas kan hafan 21 immoo yuunvarsiitii waliigalaa jedhamanii adda baafamuu ragaan Ministeericharra argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.