Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiwwanii fi Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Olaanoo waliin haala qophii barnootaa eegaluuf taasifamaa jirurratti mari’atan

MM FDRI Dooktar Abiy hooggantootaa Yuunvarsiitiwwanii fi Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee olaanoo waliin mari’atan
 
Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hoggantootaa 
 
Dookta Abiy Yuunvarsiitiwwan deebifnee banuuf qophiirra wayita jirru kanatti, har’a waaree booda hooggantoota yuunvarsiitiwwanii hundaa fi Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanaa waliin marii taasifneerra jedhan.
 
Haala ofeeggannoo ittisa #COVID-19 hojiirra oolchuun, adeemsa baruu fi barsiisuu itti fufsiisuuf qophii taasifamuu fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti marii taasiisuu isaanii Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Dabalataan dhaabbilee barnoota olaanoo rakkoon nageenyaa fi tasgabbii akka hin mudanne gochuuf, akkasumas yoo mudatee argamee hatattamaan akka furamu gochuuf qophii qabanirratti mari’anneerra jedhan.
 
Yuunvarsiitiwwan giddugala beekumsaa fi kalaqaa ta’uusaaniitiin, hooggantoonni haala qabatamaa barnootaa fi tuuriizimiif ta’u akka mijeessan kallattii keenyeerra jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.