Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsitiin Bulee Horaa Dhimma Fayyaarratti qorannoo Idil-Addunyaa Geggeessaa Jira

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Yuunvarsitiin Bulee Horaa Dhimma Fayya hawaasaaf xiyyeeffannoo kunneen naannoo Horsiisee bulaatti qorannoo Idil-Addunyaa Geggeessaa Jiraachuu ibsame.

Yuunvarsitiin Bulee Horaa dhimma fayyaa hawaasaaf dursa kennuun naannoo hawaasa horsisee bulaatti akkaataa dhukkuboonni daddarboon namarraa gara beelladaa fi akkasumas beelladarraa gara namaatti daddarban ittisuun danda’amurratti hayyoota yuunvarsitiwwan Ityoophiyaa keessa jiranii fi hayyoota yuunvarsitiiwwan Idil-Addunyaa hirmaachisuun qorannoo dhiyaaterratti marii geggeessaa jira.

Konfiraansii Idil-Addunyaa qorannoo dhukkuboota daddarboo akkaataa ittisuun danda’amurratti xiyyeeffachuun kolleejjin saayinsii fayyaa yuunvarsitii Bulee Horaa qindeesse kanarratti hasawaa baniinsaa kan taasisan preezdaantiin yuunivarsitii Bulee Horaa Dooktar Caalaa Waataa jireenyi hawaasa horsisee bulaa beelladoota waliin walitti hidhata waan qabuf qorannoon kun bu’a guddaa buusaan abdachiisaniiru.

Konfiraansiin Idil -Addunyaa dhimma fayyaarratti xiyyeeffachuun yuunivarsitii Bulee Horaatti hayyoota biyya keessa fi alaa hirmaachisuun geggeeffamaa jiru kun guyyaa boris itti fufa.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.