Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsitiin Harraambee Sagantaa Barnoota Maarsariitii(Online) yeroo jalqabaatiif Ityoophiyaa keessatti ifoomse

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Yuunivarsitiin Harraambee Sagantaa Barnoota Maarsariitii (Online) yeroo jalqabaatiif Ityoophiyaa keessatti Ifoomseera.

Akka Biyyaatti dhaabbilee dhuunfaa 5’f sagantaan barnoota maarsariitii kan eyyamameef yoo ta’u, kanneen keessaa Yuunvarsitiin Harraambee isa tokkoodha.

Kaayyoon sagantaa barnoota online ykn Maarsariitii namoota sababa dhiibbaa hojiitiif barnoota isaanii itti fufuu dadhabaniif carraa barnootaa saaquudha.

Akkasumas yeroon amma keessa jirru yeroo teeknooloojiin babal’ate waan ta’eef carraa argame kanatti fayyadamuun dhaloonni irraa fayyadamoo ta’uu qabuu jedhan Abbaan Qabeenyaafi hundeessaan Yuunvarsitii Harraambee Obbo Fayyisaa Araarsaa.

Yuunvarsitiin Harraambee gosa barnootaa Fayyaa, teeknooloojiifi Biizinasiitiin barnoota digrii jalqabaa fi digrii lammaffaa kennuu irratti argama.

Sagantaan guyyaa har’aa ifoome ‘Online learning’ ykn sagantaan barnoota maarsariitii ammoo dhaqabamummaa Yuunvarsitichaa dachaan dabalaa jedhan Obbo Fayyisaan.

Yeroo addunyaan fiixee qaroominaarra geessee jirtutti, Sagantaan barnoota online kun faayyidaa hedduu fidee dhufaa jedhan.

Baayyinaafi bal’ina uummata keenyaan wal madaaluu dhabus dhawaata dhawaataan waan nurraa eegamu milkeessuuf hojjechaa jiras jedhaniiru Obbo Fayyisaan.

Sagantaa Jalqabbii Barnoota Maarsariitii ykn ‘online’ kanaaf Birriin miliyoonni 3 baasii taheera.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.