Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsitiin Koolleejii Poolisii Oromiyaa miseensota eegumsa VIP Leenjii humna comisannaa fudhachaa turan har’a eebbisiise

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiin Koolleejii Poolisii Oromiyaa miseensota eegumsa VIP Leenjii humna comisannaa fudhachaa turan har’a eebbisiisuu Komishiniin Poolisii naannoo Oromiyaa beeksise.

Eebbifamtoonni kunnen wiirtuu Leenjii Bulbulaattii leenjii’aa turuu komishinichii ibseera.

Sirna eebbichaarratti daayreektarri Olaanaa Yuunvarsiitii Koolleejjichaa G.Komishinar Kaadhimamaa Dooktar Geetachoo Ittaanaa fi daayreektarri daayreektorootii Dhimmoota Kominikeeshinii fi Miidiyaa Komishinii Poolisii Oromiyaa G.Komishinaraa Mulaatuu Hordofaan argamaniiru.

Daayreektarri Daayreektooreetii Dhimmoota Kominikeeshiniif Miidiyaa Komishinii Poolisii Oromiyaa G.Komishinaraa Mulaatuu Hordofaa, ergaa baga gammaddanii ebbifamtootaaf dabarsaniiru.

Eebbifamtootan dirqama addaa hoggantoota olaanoo eeguudhaaf isinitti kennamu akka baatanii fi ABO shanee Uummata Oromoo dararaa jiru kana barbadeessuudhaaf hojii Poolisiin Oromiyaa Hojjechaa jiruf humna cimaa akka taatan abdii guddaa akka qaban ragaan fuula Feesbuukii Komishinii Poolisii Oromiyaarraa arganne ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.