Fana: At a Speed of Life!

Yuurooppaa Liigiin Maancheestar Yuunaaytidii fi Intar Miilaan xumura kurmaanaatti makaman

Finfinnee, Adoolessa 30, 2012 (FBC) – Yuurooppaa Liigiin Maancheestar Yuunaaytidii fi Intar Miilaan xumura kurmaanaatti makaman.
 
Liigichaan taboota 4 kaleessa galgala gaggeeffamaniin Maancheestar Yuunaaytid, Intar Miilaan, Shakataar Dooneeskii fi Kooppanhaagan xumura kurmaanatiif darbuu isaanii mirkaneeffataniiru.
 
Kilabii Oostiriyaa Laask dirree ofii Oolditiraafoordirratti kan keessummeesse Maancheestar Yuunaaytid 2f tokkoon injifateera.
 
Maancheestar Yuunaaytid qabxii ida’amaa 7f tokkooni marsaa itti aanutti darbuusaa kan mirkaneesse.
 
Kilabiin Xaaliyaan Intar Miilaan kilabii Speen Geetaafee waliin taphatee 2f zeerodhaan injifateera.
 
Kilaboonni lamaan sababii weerara vaayrasii koroonaatin tapha duraa fi deebii malee dirree Geelsankiichar Jarmanitti taphataniiru.
 
Kilabiin Yuukreen Shaakataar Dooneesk kilabii Jarman Woolfisbarg keessummeessee 3f zeerodhaan injifachuun, qabxii ida’amaa 5f tokkoon saddeettanitti makameera.
 
Kilabiin Deenmaark Kooppanhaagan kilabii Tuurk Istaanbuul Baakaakiisar keessummeessee 3f zeerodhaan injifatee; qabxii isa’amaa 3f tokkoon marsaa itti aanutti darbeera.
 
Maancheestar Yuunaaytid Kooppanhaagan waliin, Intar Miilaan injifataa Reenjarsii fi Liivarkuusan waliin xumura kurmaanatiin walargu.
 
Har’a galgala Seeviilaa – Roomaa, Baayar Liivarkuusan – Reenjars, Woolvis – Olimpiyaakoos, Baaseel – Firaankifart waliin ni taphatu.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Maddi; BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.