Fana: At a Speed of Life!

Zaytiin nyaataa sadarkaa qulqullinaa gadi ta’e gara biyya keessaa yeroo galuuf jedhu dhorkame

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Zaytiin nyaataa sadarkaa qulqullinaa gadi ta’e Jarikaanni kumni 19 fi 770 gara biyya keessaa yeroo galuuf jedhu dhorkamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

Ministeerichi baatiiwwan 6n darbanitti oomishaalee nyaataa alaa galan meetriik toonii kuma dhibba 8 fi kuma 75 fi 691 ol irratti to’annoo qulqullinaa gaggeessuuf karoorfatee, oomishaalee meetrik toonii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 4 fi kuma 65 fi 177 ol irratti to’annoo gaggeessuu ibseera.

Ulaagaalee murteessoo sadarkaa qulqullinaa biyyatiin baafteen oomishaalee alaa galan kanneen akka Zayta nyaataa, qorqoorroo manaa, armaataa sibiilaa, saamunaa, miismaara fi nyaataalee saamsaman irratti to’annoon gaggeeffameera.

Zayta nyaataa to’annoon irratti taasiifame keessaa Jarikaanni kumni 19 fi 770 sadarkaa qulqullinaa gadi ta’anii waan argamaniif gara biyya keessaa akka hin galle dhorkamaniiru jedhame.

Dabalataan Mismaarri kaartooniin 700, qorqoorroon manaa meetrik tooniin 28.7, sibiilli armaataa 23, Saamunaan kaartooniin 180, nyaanni saamsamaan kaartiin 37, Kooyiliin Gaalvaanaayizdiin meetrik tooniin kumni 2 fi 112, fi Ruuziin korojoon 934 sadarkaa qulqullinaa gadi waan ta’aniif akka hin galle dhorkamaniiru.

Gama biraan ministeerichi oomishaalee daldala alaa meetrik toonii kuma dhibba 3 fi kuma 31 fi 905 ol irratti to’annoo quqlullinaa taasisuus beeksiseera.

Oomishaalee daldala alaa kanneen akka Midhaan Zaytaa, midhaan dheedhii, kallee, Jirbii, kuduraa fi muduraarratti to’annoon taasiifamuu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indastiriirraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.