Fana: At a Speed of Life!

Zilaataan Ibraahiimooviichi tapha kubbaa miilaa dhaabuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC) – Taphataan sarara fuulduraa Garee Kubbaa Miilaa Siwiidin Zilaataan Ibraahiimooviichi tapha Kubbaa miilaa dhaabuu beeksiseera.

Zilaataan Ibraahiimooviichi umrii isaa waggaa 41tti tapha kubbaa miilaa dhaabuu beeksiseera.

Zilaataan Ibraahiimooviichi kilaboota Kubbaa Miilaa Maalmoo, Ayaaksii, Juuveentuus, Inter Miilaan, AC Miilaan, Baarseloonaa, Maanchiisteer Yuunaayitiid, PSG fi LA Gaalaaksii keessa taphateera.

Taphoota 866 taasiseen gooliwwan 511 lakkoofsiseera.

Garee Kubbaa miilaa Biyyaalessa Siwiidiniif taphoota 122 taphachuun gooliwwan 62 galchuu danda’eera.

Taphoota Seeri’aa Xaaliyaanii A Waancaa 5, Liigii Faransaayiin waancaa 4, Liigii Neezarlaandi waancaa 2 fi Laaligaa Ispeeniin waancaa 1 milkeessuu danda’eera.

Dabalataan Maanchiisteer Yuunaayitiid waliin waancaa Liigii Awurooppaa fudhateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.