Fana: At a Speed of Life!

Zimbaabween namticha uffata ‘ekeraan’ nama saamu to’annoo jala oolchite

Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Zimbaabween kutaa Kibba biyyattii Guutuu jedhamu keessatti namticha uffannaa ’ekeraa’ fakkaatu uffatee namoota sodaachisuun saamuun shakkame to’achuu miidiyaan biyyattii gabaase.
Dubbii himaan Poolisii biyyattii Paul Nyathi, namtichi maqaan isaa Normaan Chagwiza jedhamu manneen lama saamuu mirkanaa’eera jedhan.
Ekeraa fakkaatee namoota sodaachisuun, namoonni wayita baqatan qabeenyasaanii saamaa turuu ibsameera.
Normaan Chagwiza dargaggeessa ganna 27 yoo ta’u, himannaa irratti dhiyaate kanarratti yaadasaa hin kennine jedhameera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.